23/03/2025
Kana dinqisiifachuu dhiisuun akkamittiin namaaf danda'ama? Seenaan nama tokko tokkoo jiraatamee mitiitii, dubbifameeyyuu amanuutu namatti ulfaata!
"Dargaggeesi yeroo sadi yuunivarsiitiirraa ari’amee daandiirra jiraachaa ture, seenaa hojjate.
Daani’eel Shaambal jedhama. Magaalaa Dirre Dhawaa, Ganda Qoreetti dhalate.
Yeroo barnoota sad.1ffaa barachaa turetti barataa dhibaa’aa, qabxii gadi aanaa galmeessu (poor performance) ture.
Akka carraa ta’ee yeroo ‘ministirii’ fudhatan mucaa cimaa tokko bira taa’ee qabxii 96 fide.
Abbaan isaa immoo mana barumsichaatti wardiyyaadha. Isatu dursee qabxii mucaa isaa sana arge. Hedduu itti gammade. Maatiin isaas sireerraa bu’aniifi ofii lafa bulaa, isa immoo sireerraa bulchuu eegalan. Ulfina uffachiisan. Miseensonni maatii hundi mataarratti baatan.
Mucichis achirraa eegalee ilaalcha barnootaaf qabu jijjiirate. Yeroo kutaa 9ffaa seenu qo’annaa isaatti gadi jedhe. Haaluma kanaan, barattoota waliin baratan keessaa sad. 3ffaa bahuun tarree barattoota ciccimoo hiriire. Qorumsa kutaa 12ffaa immoo qabxii 515 fidee Yuunivarsiitii Finfinnee seene.
Osoo gara Finfinnee hindhufin dura, Daani’eel maatii irraa fagaatee hinbeeku. Mucaa manaati. Amantii isaattis cimaa ture. Kanarraa kan ka’e, mucaa maatiifi ollaan abdii guddaa irraa qaban ture.
Ta’us, Daani’eel erga Yuunivarsiitii Finfinnee seeneen booda addunyaa biraa keessa gale. Garba araadawwan adda addaa keessa seenee. Barataa ta’uu isaa irraanfatee jimaa qama’uu, sigaaraa aarsuu, akkasumas shiishaa harkisuu hojii idilee isaa godhate.
Kanarraa kan ka’e, waan qabxii gadi aanaa galmeesseef waggaa 2ffaa semisteera 1ffaa irratti yuunivarsiiticharraa ari’ame.
Giddumatti immoo biyyi Hindii beeksisa carraa barnoota biyya alaa (scholarship) baaste. Innis beeksisicha argee dorgome. Garuu, afgaaffii osoo hinqoramin waan jala darbeef milkaa’uu hindandeenye.
Gara maatii galees, “Biyyi Hindii carraa barnootaa baastee turte. Anis barnoota koo isa Yuunivarsiitii Finfinnee